1.Itti gaafatamtichi hojiiwwan waajjirichaa nihoggana; nibulcha
2.Keewwatakana,keewwata xiqqaa(1)irratti kan ibsame akkuma eegametti tahee:
a)Ittigaafatamtichi aangoofi hojiiwwan Labsii kana keewwata(4)iin waajjirichaaf kennaman hojiirra nioolcha;
b)Akka seera bulchiinsa hojjattoota mootummaa naannichaa ni qacara,nibulcha.
c)Baajataafi sagantaa hojii kan waggaa qopheessee af-yaa’ichaaf nidhiheessa;yeroo hayyamamuus,hojiirra nioolcha;
d)Herrega waajjirichaa nisochoosa;
e)Walqunnamtiiwwan qaamota sadaffaa wajjin taasifaman hundaa waajjirricha bakka bu’a;
f)Gabaasa sochii waajjirichaatiifi herregaa Af-yaa’iichaaf nidhiheessa;
g)Hojiiwan biraa Af-yaa’ichaan kennamaniif niraawwata;
h)Hojii ariifachiisuuf jechaa,hojiiwwan isaa keessaa gara-tokkee bakka bu’iinsaan hojjattoota waajjirichaatiif kennuu nidanda’a;ta’uus,bakka bu’iinsi kennamu ji’a tokko kan caaluyootahe,af-yaa’ichi raggaasuu qaba.