Mata Duree

CAFFEE - (Waxabajjii 14,2014): Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa, ajjeechaa gara jabinaa lammiilee nagaa irratti raawwatame cimsee kan balaaleffatuufi kanneen lubbuun isaanii darbeef gadda itti dhagahame ibsa.

 
__//__
Hawaasa nagaan jiraatu irratti murni shororkeessaa ABO-Shanee ajjeechaa gara jabinaa raawwateen, Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii Ganda Toleetti lubbuu lammiilee nagaa darbeefi qabeenyaa manca'eef;
Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa, gocha lammiilee nagaa irratti raawwatame cimsee kan balaaleffatuufi nageenyi hawaasa keenyaa akka mirkanaa’uuf tarkaanfii seera kabachiisuu murna kana irratti qaamoleen nageenyaa qindoominaan fudhachaa turan cimee itti fufuu akka qabu ibsaa, ummanni keenyas, nageenya naannoo isaa tikfachuu keessatti adda durummaan hirmaachuu akka qabu carraa kanaan dhaama.
Gocha sukkanneessaa murni shororkeessaa ABO-Shanee lammiilee nagaa irratti raawwateen lammiilee lubbuun isaanii darbeef Caffeen Oromiyaa, gadda guddaa itti dhagaahame ibsaa, maatiifi firoottan isaaniif ammoo jajjabina hawwa.
Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE – (Adoolessa …

  // Seeronni bara kana ragga’an duudhaa Oromoo giddu gala kan godhatan yoo ya’u, Labsiin Buusaa Gonofaa - aadaa walgargaarsa Oromoon Sirna Gadaan itti fayyadamaa ture deebisanii dhaabuuf, dagaagsuufi bu’uura dhalootaa taasisuuf...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Adoolessa …

  // Argannoolee Odiitii herreega baroota dabranii maallaqaan akka deebi’uuf yaanni itti kennamee ture kan akka kaffaltii caalmaa, baasii seeraan alaa, kuufama herreega galii gibiraa, taaksiifi galii hir’inaan sassaabame ilaalchisee manneen hojii...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Adoolessa …

  // Gosoonni odiitii bara kana gaggeeffamaa turan, raawwii odiitii faayinaansiifi seera qabeessummaa, odiitii intiriimii, odiitii addaa, odiitii raawwiifi odiitii naannooti. Bara 2013 hordoffii argannoowwan odiitii gabaafaman irratti tarkaanfii fudhachuu isaanii mirkaneessuuf karoorfame...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Adoolessa …

CAFFEE – (Adoolessa 14,2014): Manneen Murtii Aadaa hundeessine yeroo gabaabaatti bu’aa olaanaa kan buusan yoo ta’u, galteewwan nuuf kennaman ammoo fudhannee irratti hojjanna kan jedhan Pireezidaantii I/Aanaa MMWO Kab. Obbo...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Adoolessa …

  // Kaayyoon hundeeffama Mana Murtii Aadaa ummanni keenya seera aadaafi duudhaa bu’uureffachuun wal diddaa akka hiikkatu taasisuu, kenna haqaa seera aadaa irratti hundaa’e, dhugaafi haqa baasuun hariiroo hawaasummaa waldhabdootaa cimsuu danda’u...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Adoolessa …

  __//__ Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa fooyyessuuf, loogiirraa bilisa, fayyaalummaa, gahumsi ogummaa, qabiinsa maamilaafi dhimmoota walfakkaatan irratti murtii walfaakkaataan kennuun qulqullina hojii keenyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa turuu isaanii gabaasa Caffeef dhiyeessan...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000