__//__
Korichi gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa Waajjira Pireezidaantii MNO, Mana Murtii Waliigalaa, Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa, Komiishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa, Komiishinii Poolisii, Mana Sirreessaa, Ejensii Galmeessa Ragaalee Bu'uura Hawaasummaafi kkf qorateera.
Gabaasa Waajjira Pireezidaantii kan dhaggeeffate korichi, mootummaa haaraa hundeeffamuuf raawwii karoora hojiiwwan ijoo sadarkaa Naannoo, Godinaafi Magaalotaa qindeessuun walqabatee, hanqina qulqullinaafi harkifannaa piroojektotaa irratti komiiwwan ka'an xiqqeessuuf hojiin hojjetame cimina jedhe.
Gama biraan, dambiiwwan bara 2013 bahan hojiirra oolchuu irratti, iyyannoowwaniifi komiiwwan dhiyaataniif furmaata kennuufi qulqullinni murtii sadarkaa Godinaafi magaalotaa irratti Mana Maree bulchiinsaan kennamaa jiru laafaa ta'uu eeruun hanqina jedheera.
Raawwii MMWOn walqabatee, manneen murtii haala salphaa ta’een tajaajila abbaa seerummaa kennuuf keessaattuu tajaajila gorsaa, deeggarsa seeraa bilisaa, hiiktuu afaanii, tajaajila mana murtiin kennamu, sochii manneen murtii riifoormii tekinoolojii ammayyaa’aan deeggaruuf hojiin hojjetamaa jiru akka ciminaatti ilaaleera.
Gama biraan, qulqullinniifi tajaajilli abbaa seerummaa manneen murtii hunda biratti walfakkaachuu dhabuun, ragaa sobaa xiqqeessuuf tooftaan ittiin xiinxalamu laafaa ta'uu, sirnaafi hojimaatawwan diriiranii jiran duguuganii hojiirra oolchuu dhabuun dhimmoota akka hanqinaatti ilaalamanidha.
Raawwii Bulchiinsaafi Nageenyaan walqabatee, olaantummaa seeraafi nageenya naannoo mirkaneessuuf ijaarsa Gaachana Sirnaafi caasaa nageenyaa hunda cimsuun walqabatee, caasaa milishaa cimsuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiru, gurmaa'iinsa milishaa gulantaan jiru cimsuuf, nageenya naannoo daangaafi dhaabbilee amantaa gidduu jiru, daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa hordofuufi to'achuun walqabatee hojiin hojjetamaa ture akka ciminaatti ilaalameera.
Gama biraan, hojiin nageenyaa itti fufiinsaan kan hojjatamu ta'uusaarraan kan ka'e sirna hordoffiifi deeggarsaa cimaa waan barbaaduuf nageenya naannichaa karaa walfakkaataan mirkaneessuufi sagantaa idileen hordoffii taasisuu irratti, eegumsa dhaabbiifi sochii cimsuuf jalqabbiin jiraatus quubsaa ta'uu dhabuun akka hanqinaatti korichaan ilaalameera.
Walumaagalatti, Korichi gabaasa raawwii manneen hojii hafan biroos bifuma walfakkaatuun qoratee kallattii kan kaa'e yommuu ta'u, Kurmaana 1ffaa keessatti qophii karooraa irraa eegalee raawwiin hojii akka ciminaatti ilaalame daran cimee itti fufuu akka qabu akeekuun, kurmaanni 2ffaa hojiiwwan hedduun yeroo itti raawwatamuu qaban waan ta'eef kanneen hanqina jedhamanii adda bahan galtee godhachuun xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetamuu akka qaban Dura Taa'aan Korichaa Obbo Naasir Huseen kallattii kaa'aniiru.