CAFFEE - (Waxabajjii 28,2013): Waamicha Walgahii Caffee Oromiyaa MISEENSOTA CAFFEE OROMIYAA HUNDAAF

 

 
__//__
Walgahiin Idilee 14ffaa Waggaa 6ffaa Bara Hojii Caffee 5ffaa Adoolessa 07 Bara 2013 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti ni gaggeeffama.
Kanaafuu, Miseensonni Caffee Oromiyaa hundi Waraqaa Eenyummeessaa Miseensa Caffee ta’uu keessan ibsu qabachuun Adoolessa 06 Bara 2013 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti argamuun akka gabaastan isin beeksifna.
Dubartoonni Miseensa Caffee taatan, Kokasiin Dubartootaa Adoolessa 06 Bara 2013 waan gaggeeffamuuf, Adoolessa 05 Bara 2013 Magaalaa Adaamaa galtanii akka bultan isin beeksifna.
Waajjira Caffee Oromiyaa
Finfinnee
***
Beeksifni Waamichaa kun, Waxabajjii 28 Bara 2013 irraa eegalee guyyoota arfan itti aananiif karaa OBN Oduutti aanee waan darbuuf hordofaa.