Mata Duree

Affeerraa Yaada Ummataa

 

Qaamoleen Mootummaa seera burqisiisuu akka danda’an mirgi seeraan kennameefi jira. Caffeen ammoo hojimaata wixinee seeraa qoratee Yaa’ii Caffeedhaan itti mirkaneessu ni qaba. Waggoota darban keessa seerota Qaamolee Mootummaafi Manneen Hojii Mootummaatiin wixineeffamanii Caffeef dhiyaatan 218 karaa hojimaatasaa hordofeen Yaa’ii Caffeetiin raggaasifamanii jiru.

Haa ta’u malee, Caffeen hojimaata wixineewwan seeraa qoratee ittiin raggaasisu kan qabu ta’us, sadarkaalee seerota hanga wixineessutti jiran ilaalchisee hojimaati seeraan taa’e waan hin jirreef hin jiru.  

Wixinee Labsii Sirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe kana qopheessee jira. Kanaaf, Caffeen Oromiyaa ummati Naannoo keenyaa, keessattuu, qorattootiifi ogeessoti seeraa wixinee labsii kanarratti yaada qaban akka kennan affeeree jira. Yaada nuu kennitaniif dursinee galateeffanna.

yaada keessaan kara         E-mail:   This email address is being protected from spambots. You need JavaScript enabled to view it. ykn  Toora Facebook'n :CaffeeOromia

WixineeLabsiiSirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo
OromiyaaMurteessuuf Bahe, Labsii Lak._____/2011

  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE - (Caamsaa 02…

CAFFEE - (Caamsaa 02,2014): Piroojeektiin Hidha Laga Abbayyaa mallattoo tokkummaafi galma badhaadhina biyyaa waan ta'eef tumsa nurraa eegamu taasisuun xumuuruu qabna jedhan Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'adaa Abdurahmaan

. __//__ Waltajjii Marii Deeggarsa Hidha Haaromsaa Guddichaaf taasifamu irratti hoggansiifi hojjettoonni Waajjira Caffee Oromiyaa sadarkaa Piroojeektichi irra jiru irratti marii taasisuun deeggarsa Qarshii kuma dhibba 560 ol ta'u arjoomaafi boondii bitachuuf...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Ebla 30,20…

  __//__ Ogeessota seeraa 222 Marsaa 15ffaaf Inistitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjisaa ture har'aa Magaalaa Adaamaatti eebbise. Sirna eebbaa kana irratti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Afyaa’iin Caffee Oromiyaa haasawaa taasisaniin, dhimmi...

Gutuu isaa Dubbisuuf

(CAFFEE - Ebla 27,20…

  __//__ Jiddugalli kun Fulbaana Bara 2013 Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaan hojiinsaa kan eegaleefi yeroo sanatti baatiiwwan 18 keessatti ni xumuurama jedhamee kan karoorfame ta'us, hanga ammaatti hojiin fiizikaalaa %50 irra gahee kan...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Ebla 27,20…

  __//__ Marii dargaggootaa mata duree "Hirmaannaa Dargaggootaa Malee Biyya Gama Hundaan Milkoofte Ijaaruun Hin Danda'amu" jedhuun Godina Harargee Lixaatti dargaggoota Aanaaleefi bulchiinsa magaalotaa godinichaarraa walitti dhufan 1500 ol hirmaachise Magaalaa Cirootti...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Ebla 20, 2…

  __//__ Korichi, Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa kallattii Caffeen ka'een korichaaf gabaasa yeroon waan hin dhiyeessineef korichi osoo hin gamaaggamiin akka deebi'uuf taasiseera. Gabaasa raawwii hojii Biiroo Qonnaa, Biiroo Bishaaniifi Inarjii, Biiroo...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000